Fana: At a Speed of Life!

Inisheetivii Misooma Dammaarratti jalqabameen milkaa’inni Abdii Diinagdee ta’an argamaniiru – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Inisheetivii Misooma Dammaarratti jalqabameen milkaa’inni gurguddoon Abdii Diinagdee ta’an argamuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Bosonni guutuu Oromiyaa keessa jiru fi qilleensi baramaan naannichaa Oomisha Dammaaf mijataa ta’us, Oomisha Dammaa guddisuufi Diinagdee Hawaasa seektara kanaa deeggaruurratti hanqina guddaan kan ture ta’uu eeraniiru.

Waggaa Lama dura Inisheetiviwwan Seektara Qonnaa jalatti jalqabame keessaa tokko Inisheetivii Misooma Dammaa ta’uu kaasaniiru.

Hojii jalqabameenis Milkaa’inni gurguddoon Abdii Diinagdee fi fooyya’iinsa jireenya hawaasaa wabii ta’an hedduun argamuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Bu’aan Oomisha Dammaarra argame caalmaatti yoo babal’ate yoo Diinagdee biyyaa jajjabeessuun carraa hojii lammiilee hedduuf uumuu akka dandeenyu hubanneerra jedhan.

Oomishni Dammaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru fedhii biyya guutuun Al-ergii cimsuu kan danda’u ta’uu kaasaniiru.

Rakkoon keenya qabeenya dhabuu osoo hin taane, qabeenya qabnu beeknee itti fayyadamuu dadhabuu akka ta’e wantoota nu agarsiisan keessaa tokkoodha jedhan.

Waggoota itti aanaan muraasa keessatti Dammaa qulqullina olaanaa qabu baay’inaan biyya alaatti erguun Sharafa Alaa asirraa argamuu qabu guutumaan guutuutti argachuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Oromiyaan Wabii Diinagdee Itiyoophiyaa taatee itti fufti jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.