Inisheetiivichi Sadarkaa Idil Addunyaatti humna namaa ga’umsa qabu horachuuf gargaara jedhame
Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Inisheetiiviin koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona shanii Sadarkaa Idil Addunyaatti humna namaa ga’umsa qabu horachuuf akka gargaaru Ministirri Dhimmoota Kaabinee fi Itti Gaafatamtuun Waajira Ministira Muummee Alamtsahaay Phaawuloos ibsan.
Inistiitiyuutiin Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaa, Sagantaa xumura leenjii marsaa jalqabaa Inisheetiivii Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona shanii gaggeesseera.
Saganticharratti, Alamtsahaay Phaawuloos akka jedhanitti, Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf, xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Milkaa’inni kunis damichaan humna namaa horachuuf sagantaalee hojiirra oolan keessaa inisheetiiviin koodaroota miiliyoona shanii tokko ta’uu dubbatan.
Inisheetiviichi Itiyoophiyaan damichaan sadarkaa idil addunyaatti humna namaa dorgomaa ta’e horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachaanaa, inisheetiivichaan hojjettoonni dhaabbilee hundaa fayyadamtoota carrichaa taasifamaniiru jedhan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad leenjii koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona 5’n Dijitaal Itiyoopiyaa dhugoomsuuf tattaaffii eegalame milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia