Fana: At a Speed of Life!

Ingiliz meeshaalee ittisaa dhuunfaa Birrii miiliyoona 46 olitti tilmaamamu Ityoophiyaaf deeggarsa taasifte

Finfinnee, Mudde 16, 2015(FBC)- Embaasiin Ingiliz gama Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaatiin meeshaalee ittisa dhuunfaa Birrii miiliyoona 46 olitti tilmaamamu Ityoophiyaaf deeggarsa taasifte.

Deeggarsonni kunneen meeshaalee fi galteewwan ittisa infeekshinii fi vayirasii Koronaa to’achuuf kan oolan ta’uun eerameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa sirna walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti, ministeerichi waggoota dheeraaf Mootummaa Ingiliz waliin dameewwan fayyaa garaagaraarratti tumsaan hojjechaa turuu beeksisaniiru.

Deeggarsichis vaayirasii koronaa ittisuu fi sirnii fayyaa akka cimuuf gumaachaa olaanaa akka qabaatuuibsuun, dhibecha dhaabuuf mootummaan Ingiliz kutannoon qabuu kan argisiisuudha jedhaniiru.

deeggarsi taasifamaa jiruuf mootummaa Ingilizi fi Dhaabbataa godaantotaa Idil Addunyaa galateeffatanii, deeggarsaa fi waliinn hojjechuun cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Embaasii Ingilizitti Dursituun Garee Dandamachiisaa fi Deeggarsa Namoomaa Jeenfer Istookil gama isaaniin mootummaan Ingiliz deeggarsa meeshaalee ittisaa dhuunfaa kuma 846 taasisuu ibsaniiru.

Meeshaaleen kunnenis ogeeyyiin fayyaa wayita hojii hojjetanitti ofii isaanii akka ittisaniif kan gargaaran ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Qondaallii Komishinii Dhaabbataa Godaansaa Idil Addunyaa Jiyaan Zhihawoo, dhaabbanni isaanii mootummaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan akka hojjetu eeruu ragaan Minsteera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.