Fana: At a Speed of Life!

Ingiliz Itiyoophiyaaf deeggarsa Paawundii miiliyoona 22.9 kan taasiistu ta’uu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Mootummaan Ingiliz Itiyoophiyaatti nageenyaa fi misooma waareessuuf kan oolu Paawundii miiliyoona 22.9 deeggarsa kan taasiistu ta’uu beeksiste.

Ministirri Dhimmoota Afrikaa Ingiliiz Aniilsee Dooddos Itiyoophiyaatti nageenya waareessuuf kan oolu Paawundii miiliyoona 16 deeggarsa kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsii kunis loltoota duraanii deebisanii dhaabuun jireenyaa idileetti akka deebi’aan taasisuuf kan oolu ta’uun himeera.

Akkasumas Itiyoophiyaatti damee Uffataa fi huccuuwwanii babal’isuuf kan oolu fi waggootaa sadiif kan turu deeggarsa Paawundii miiliyoona 6.9 taasiisuuf ta’uu ibsameera.

Ministirri Dhimmoota Afrikaa Ingiliiz Aniilsee Dooddos yeroo dhiyootti gara Itiyoophiyaa dhufuun, warshaalee Uffataa akka daawwataan kan eegamu ta’uu ragaan Mootummaa Ingiliizirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.