Fana: At a Speed of Life!

Indoonezhiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 41 darbe

Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) – Indooneezhiyaatti balaa lolaa mudateen lubbuun namoota 41 darbuu Ejensiin Balaa Biyyattii beeksisee.
Biyyattitti Rooba Itti fufiinsaan sa’aatii dheeraaf roobuu hordofee Odolaa Sumaatra jedhamu Aanaalee lama keessatti miidhaan qaqqabuu ibsameera.
Balichaan manneen jireenyaa fi Masjiidonni lolaan uwwiffamuu fi hanga ammaatti lubbuun namoota 41 darbuu ibsameera.
Namoonni 17 ammoo achii buuteen isaanii hin argamne jedhame.
Dabalataniis manneen 84, Riqichoonni 16, Masjiidonni 2 fi Ruuziin lafa heektaraa 20rratti misooee ture barbadaa’uu TRT’n gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.