Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriiwwan oomisha dorgomaafi qulqullina qabu gabaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Qulqullinaafi dorgomtummaa oomishaalee indaastiriirratti waltajjiin mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Indaalawu Mokonniniifi Ministir Deetaa Ministeera Indaastirii Taarraqanyi Bulultaa dabalatee hayyoonni damichaafi qooda fudhattoonni hirmaachuu eerameera.

Indaastiriiwwan oomishaa oomisha dorgomaafi qulqullina isaa eeggate gabaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Obbo Indaalawu ibsaniiru.

Indaastiriiwwan oomishaalee biyya alaarraa bakka bu’an oomishan gama qulqullinaan haala yeroo idil addunyaa hubachuu akka qaban dubbataniiru.

Sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu indaastiriiwwan oomishaalee garaagaraa hojii akka eegalaniifi dandeettiiisaanii akka guddisaniif gahee ba’achuu eerameera.

Indaastiriiwwan dorgomoofi oomishaalee qulqullinni isaanii eegame akka oomishaniif dhiyeessiin humnaafi galtee guutamuu akka qabus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.