Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriin Miiltan naannawaa Daldalaa Bilisaa Dirree Dhawaatti qindeessa Qurxummii ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Indaastiriin Miiltan naannawaa Daldalaa Bilisaa Dirree Dhawaatti qindeessa Qurxummii saamsamaa ijaaruuf fedhii olaanaa qabaachuu ibseera.

Jiibutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birihaanuu Tsaggaayeen abbaa qabeenyaa fi hojii raawwachiisaa olaanaa Indaastirii Miiltan waliin mari’ataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa barbaachisu taasisuun Piroojekticha milkeessuuf murannoo qaabachuu Ambaasaaddar Birihaanuun marii isaaniin ibsaniiru.

Indaastiriin Miiltan hojii mootummaan Ityoolhiyaa dhaabbilee misoomaa to’annoo mootummaa jala jiran gara dhuunfatti jijjiiruuf hojjetaa jiruun caalbaasii Interpiraayizii Sukkaaraa irratti hirmaachaa jiraachuu ragaan Jiibuutiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.