Fana: At a Speed of Life!

Indaastirii oomishaa deeggaruuf kan oolu Birriin biiliyoonni 8.6 liqaan argame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) – Hanqina Faayinaansii Indaastirii oomishaa furuuf kan gargaaru Birriin biiliyoonni 8.6 Baankii Addunyaarraa liqaan argamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Maallaqichi liizii faayinaansii, proojektii faayinaansii fi hojii adeemsiiftuuf kan oolu ta’uu Ministirri Minsteera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal ibsaniiru.

Rakkoo damicha muudatan keessaa tokko hanqina Faayinaansii fi sharafa alaa ta’uu eeruun, maallaqni liqiin Baankii addunyaarraa argame kun rakkicha ni fura jedhan.

Maallaqni liqaan argame kun Indaastiriiwwan buleeyyii kuma 1 fi 900, akkasumas Indaastiriiwwan haaraa hundaa’aniif kan ga’u ta’uu obbo Malaakuun himanniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.