Fana: At a Speed of Life!

Imbaasii Ameerikaa Baagdaaditti argamurratti haleellaan rokkeetti qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Magaalaa guddoo Iiraaq Baagdaaditti kan argamuu imbaasii Ameerikaarratti haleellaan rokkeettii qaqabuun dhaga’ame.

Haleellaan rokkeetti sadii kan qaqqabee yoo ta’u, tokko kaafteeriyaa imbaasichaa rukutuunsa himameera.

Rookkeettoonnii lamaan ammoo naannoo imbaasiicharra bu’aniiru jedhameera.

Haleellichaan namoonni sadii madaa’aniiru.

Haleellichaaf haga ammatti qamni itti gaafatamummaa fudhatuu jiraachuu batuus Ameerikaan garuu loltoota deeggarsa Iiraaq irraa argatanitu raawwate jechuun qeeqxee jirti.

Ameerikaa waggoota dheeraa booda haleellaa akkanaatiin haleelamuu kan jalqabaa ta’u himameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.