Fana: At a Speed of Life!

Imbaasichi Jibuutiitti kaka’umsa “Ashaaraa Magariisaa” Ityoophiyaa babal’isuuf  hojjechaa kan jirtu Fahiimaa Mohaammadiin galateeffate

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen falmituu eegumsa naannoo Jibuutii galateeffataniiru.

Ambaasaaddar Birhaanuun sagantaa “Ashaaraa Magariisaa” Ityoophiyaa biyyashee Keessatti dhugoomsuuf  murannoo qabdu jajaniiru.

Fahiimaa Mohaammad waggoottan lamaan darbanitti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan mootummaan Ityoophiyaa Jibuutiif kenne akka dhaabamaniif olantummaan qindeessaa turuu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa dargaggoota akka Fahiimaa diinagdee magariisaafi qonnarratti hojjetan deeggaruuf qophii ta’uu Ambaasaaddar Birhaanuun ibsaniiru.

Ijaarsa dandeettii, carraa barnoota bilisaa, leenjii, daawwannaafi kanneen biroon deeggaruuf qophii ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaafi Jibuutii gidduu walitti hidhamiinsa diinagdee magariisaa diriirsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Jibuutiitti Imbaasiin Ityoophiyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 3ffaan biqiltuuwwan kuma 50 dhaabuuf karoorsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.