Fana: At a Speed of Life!

Imbaasichi barattoonni Ityoophiyaa Yuukreen jiraniif ergaa dabarse

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Jarmanitti Imbaasiin Ityoophiyaa barattoota Ityoophiyaa Yuukreen jiraniif ergaa dabarseera.

Imbaasichi barattoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Yuukreen jiraatan socho’uun dura Imbaasii Ityoophiyaa Jarman Barliin jiru beeksisuu akka qaban ergaasaan dhaameera.

Barattoonnii Ityoophiyaa Yuukreen jiran rakkoo yeroo ammaa isaan mudateen sochii taasisuun dura nageenyummaasaaniif gama bilibila moobaayilaa +491767269094 akkasumas gama teessoo email berlin.embassy@mfa.gov.etn imbaasicha waliin akka mari’atan yaadachiiseera.

Guyyaa kaleessaarraa eegalee Raashiyaan Yuukreenitti duula waraanaa gaggeessaa jiraachuun ni beekama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.