Fana: At a Speed of Life!

Imalli nyaataan of danda’uu Ityoophiyaa wayita sakatta’amu

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan, walitti bu’iinsaan, beelaa fi rakkoon kan qoramaa turte taatus, kan darberraa barachuun yeroo ammaa haalota jiraan gara carraa gaariitti jijjiiruu danda’uu ishee Keeniyaa, Naayiroobiitti kan argamu hayyuu Mana Barnootaa Daldalaa fi Hojii Uumuu kan ta’an Pirofeesar Bitaangee Nideemoo ni ibsu.

Gaazexaan Keeniyaa ‘Daily Nation’ xiinxalaa hayyichaa qabate ba’een, Ityoophiyaan biyya beelaan xiyyeeffannaa addunyaa hawattee turte ta’uu yaadachiisa.

Qormaanni kun Ityoophiyaa jabeessuu fi gara carraatti jijjiiruun yeroo ammaa naannawichaatti saffisaan diinagdee guddachaa jiru ijaaruu akka dandeesse eera.

Pirofeesarichi barreeffamaa isaaniin, walitti bu’iinsi Raashiyaa-Yuukireen Afrikaatti hanqina nyaataa olaanaan wayita rakkattu, Ityoophiyaan garuu, oomisha qamadiin akka of dandeessee fi wabii nyaataa ishee mirkaneessuuf, tarsiimoo qonna daldalaan walitti hidhuun walcinaa deemsisuu dandeessisu bocuu kaasaniiru.

Fakkeenyaaf jedhu Pirofeesar Bitaangee Nideemoo, Ityoophiyaan bara darbe qamadii toonii miiliyoona 1.42 oomishtee barana sadarkaa olaanaan toonii miiliyoona 2.4 walitti qabu akka dandeesse dinqisiifannaan ibsu.

Yeroo ammaa Ityoophiyaan biyyoota Gammoojjii Sahaaraa gadii keessaa oomishtuu qamadii adda duree ta’uu barreeffamichaan eeraniiru.

Ityoophiyaan bara faranjootaa 2023 wabii nyaataan of danda’uu fi oomisha ishee gara biyyootaa Afrikaa birootti erguuf karoora akka qabdu himu.

Mootummaan Ityoophiyaas jallisii fi kilaastaraan oomishuu danda’uu dhugoomsuun, wabii nyaataa biyyattii itti fufiinsaan mirkaneessuu dandeessisa jedhu.

Hayyichi dabaluun, hanqina midhaan nyaataa Afrikaatti mul’atu dhimma siyaasa qubsumaa akka ta’e kaasu.

Pireezidaantiin Seneegaal Maakii Saal gitaa isaanii Raashiyaa Putiin waliin wayita mari’atanitti, walitti bu’iinsi Raashiyaa-Yuukireen Afriikaaf oduu gaarii hinturre jechuun isaanii gaddisiisaa fi Afrikaa ardii nyaataan ofii ishee hindandeenye ta’uu kan mul’iseedha jedhu.

Hasawaan Maakii Saal duree Ardii Afrikaa keessaa ala of gochuun, fedhii siyaasaa isaaniif itti fayyadamanii fi sababa waraana Raashiyaa-Yuukireeniin Afrikaatti beelaatu mudata jechuu isaanii fi oducha walharkaa akka fuudhanii afarsan taasise ta’uu dubbataniiru.

Suuraawwan daa’imman Afrikaa beel’anii fi haadholii isaanii nyaara guuran foddaa televiizhinii addunyaatiin bal’inaan akka mul’atan taasisuun Afriikaaf taatee gaddisiisaa ta’uu Pirofeesar Bitaangee Nideemoo ni ibsu.

Biyyoonni Afrikaa muuxannoo Ityoophiyaarraa barachuu fi dhiyeessii nyaataan dhiibaa haala yeroo biyyota guddatanii jalaa bilisoomuuf nyaataan of danda’uu akka qaban ergaasaanii Business Daily Africa irratti dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.