Fana: At a Speed of Life!

Imalli Ityoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiiftu humnoota finxaaleyyiin hin gufatu – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Imalli Ityoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu humnoota finxaaleyyiin hin gufatu jedhan Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.

Finxaaleyyiin Obbo Girmaa Yeshiixilaa ajjeeseen garaa jabeeyyii gara beensummaatti jijjiirramaniidha jedhan sirna gaggeessaa isaatti haasawa taasiisaniin.

Obbo Girmaan hoggansa finxaalessummaa fi siyaasa jibbiinsaarratti hadheeffatee qabsaa’an ture ta’uu kaasaniiru.

Hogganaa faayidaa ummataafi biyyaaf dursa kennuun wareegamaan ta’uu eeraniiru.

Gumaachi olaanaan Obbo Girmaa Yeshiixilaan biyyaa fi ummataaf gumaachan yoomiyyuu hin dagatamu jedhan.

Warri Obbo Girmaa ajjeese Finxaaleyyii badhaadhinaa fi tokkummaa sabdaneessaa Ityoophiyaa hinfeene ta’uu eeruun, imalli Ityoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu humnoota finxaaleyyii hin gufatu jedhan Obbo Adam Faaraahiin.

Hogganaa ummataa ajjeesuu fi mirga lammiilee dhiibbuun faayidaa waaraa argamu hin jiraatu jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.