Fana: At a Speed of Life!

Imalli bu’aa qabeessummaa eegalaman cimanii itti fufu-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Bara haaraatti goleewwan Itiyoophiyaa irraa hafaa akka oomishaniif imalli bu’aa qabeessummaa eegalaman cimanii akka itti fufan Pireezidantii Itti Aanaa Paartii Badhadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah, biyyattii naannawaalee garaagaraatti bu’aaleen damee qonnaan mul’achaa jiraan abdii qabeessa ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Dadhabbiin qonnaan bultootaa, xiyyeeffannaan hoggansaa, tattaaffiin ogeeyyii qonnaa akkasumas qabeenyi umaamaa dachee walitti idaa’amuun Gannaa kana asheetaan guutuu taasisuu ibsan.

Boqqoolloo, Qamadii, Xaafii, Atarboonsituu, Boloqqee, Agadaa, Ruuzii, Kuduraa fi Muduraa, mi’eessituuwwan, haala miidhaga ta’een ibsituu omishtummaa taa’aniiru jedhan.

Kutaalee biyyattii hundattis diinagdee damdaneessan xiyyeeffannaa damee qonnaaf kennameen bu’aa ajaa’ibsiisan galmaa’aa akka jiru dubbataniiru.

Tattaaffiin wabii nyataan of danda’uuf taasifamaa jiru milkaa’uu akka danda’u, halkaniif guyya yoo hojjennes injifachuun akka danda’amu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.