Fana: At a Speed of Life!

Imala guddina magaalichaa ariifachuuf sirni galii fi baasii madaallawaa ta’uu qaba – Injiinar Taakkalaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Imala guddina magaalaa Finfinnee ariifachuuf sirni galii fi baasii madaallawaa ta’uu akka qabu itti aanaa Kaantibaan magaalichaa Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbatan.
 
Injiinar Taakkalaan haala sassaabbi galii fi rakkoo tajaajila damee diinagdee magaalichaa furuun danda’amurratti hoggantoota damichaa waliin mari’ataniiru.
 
Sirni sassaabbii galii magaalichaa teeknooloojiin ammayyaa’uu akka qabu himaniiru.
 
Rakkooleen sassaabii gibiraa fi taaksiin walqabatee muul’atu ariitiin furamuu qaba jedhan Injiinar Taakkalaan.
 
Uummataaf tajaajila si’ataa fi dhaqqabamaa ta’e laachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
 
Hojmaataa badaa naannoo dhaabbilee tajaajila ummataa laatan jiru hundeerraa gogsuuf ciminaan hojjetamu akka qabu yaadachiisaniiru.
 
Leenjiwwan yeroo yeroon kennaman hojiitti hiikkachuun jijjiirrama qabatamaa fiduu qabu jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.