Fana: At a Speed of Life!

Imala guddaa gara biyyaa ‘Iid hanga Iid’ jedhamu eegalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Imala guddaa gara biyyaa ‘Iid hanga Iid’ jedhamu eegalchiisuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Solaatni Iid Baatii Ramadaanaa Guddaan Ityoophiyaatti akka taasiifamu waamicha dhiyeessan hordofee I-imala Guddaa mata duree ‘Iid hanga Iid’ jedhamuun moggaafame eegalchiisuuf qophiin duraa xumuramuu ibsameera.
Saganticha raawwachiisuuf koreen biyyaalessaa Ministeera Dhimma Alaan durfamu kan hundaa’e yoo ta’u, miseensonni korichi har’a qophii duraarratti mari’ataniiru.
Koricha Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi Ustaaz Abbubakar Ahimadiitu walitti qaba jedhame.
Koreen hojii raawwachiiftuu dhaabbilee mootummaa 16 of keessatti hamate hundaa’uun hojiitti galuu Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon ibsaniiru.
Koreen biyyaalessaa kun dhaabbata tola oolaa Najjaashii fi Proomooshinii Halaal waliin ta’uun saganticha qopheessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.