Fana: At a Speed of Life!

Imala Diijitaalaa Itiyoophiyaan sadarkaa bu’aa qabeessarra geenyerra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Imala Diijitaalaa Itiyoophiyaan sadarkaa bu’aa qabeessarra geenyerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Itiyoo teeleekoom Dhaabbata Viizaa waliin ta’uun yeroo jalqabaaf Kaardii ‘Varchuwaal Viizaa’ tajaajila Sharafa alaa “Visa Direct fi “Telebirr Remits”jedhaman dhiyeessuu Dooktar Abiy Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Maammiltoonni biyya alaa jiraatan “Visa Direct” fayyadamuun maammiltootaa Itiyoophiyaa jiraataniif Varchuwaal Viizaa fayyadamuun maallaqa erguu akka danda’an himaniiru.

Lammiileen biyyoota 190 jiraatan tajaajilicha fayyadamuun salphaatti Birrii erguu fi fudhachuu danda’u jedhan.

Tajaajilli haaraa kun maamiltoota Teele Birrii miiliyoona 47.55 ol tajaajiluu akka danda’u himaniiru.

Itiyoo Teeleekoomiin hojii guddaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.