Fana: At a Speed of Life!

Imala Badhaadhinaa maatii mirkaneessuuf hojjatamaa jira – MNO

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Imala Badhaadhinaa Maatii Mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksiise.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa maatii mirkaneessuu keessatti dhimmoottan gurguddoo xiyyeeffannoon hojjachaa jiru keessaa Diinagdee biyyaa qixa sirrii ta’een karaa biyya jijjiiruu danda’uun hojjechaa jiraachuu ibsa baaseen ifoomseera.
Sochii fooyya’iinsa diingdee fiduu keessatti inni guddaa fi inni duraa nyaatan of-danda’uun iddoo olaanaa kan qabatuudha.
Haaluma Kanaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf yeroo ammaatti xiyyeefannoon guddaan itti kennamuun qonnaan bulaa naannoo Oromiyaa kilaastaraan ijaaruun, makaanayzeeshinii irratti xiyyeeffachuu , sanyii filatamaa babal’isuun,meeshaalee galtee midhaaniitiif haala mijeessuu fi kanneen akka kombaayinaraa dhiyeessuun sochii daandii guddina diinagdee abdii namatti horu mul’achaa jira.
Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu keessatti inni itti aanuu oomisha biyya alaatii galan biyya keessan bakka buusuu yoo ta’u, inni kun immoo baasii maallaqa bu’aa biyyaa keessaf ooluu danda’uu waggaatti bahu hambisuun guddinnaaf oolchudha.
Diinagdee biyyaa ijaarun badhaadhina hunda hammataa fi tarkaanfataa ta’e daraan lafa qabsiisuuf oomisha al-ergiif oolan irratti xiyyeeffachuun hojjatamaa kan jiruudha.
Oomishni al-ergiif oolan biyya keessatti baay’inaa, qulqullinaa fi yeroo isaatti oomishuun rakkoo gama sharafa alaatin jiru furuu keessatti iddoo olaanaa kan qabu waan ta’eef Sochiiwwan taasifamaa jiran milkeessuun biyya badhaate ijaaruuf eeggatummaa rooba jalaa bahuuf haalota jiratti fayyadamuun murteessadha.
Kanuma dhugoomsuuf Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma jallisiitti gargaaramuun Qamadii jallisiin iddoowwan garaagaraa duraan oomisha qamadii tif hin baratamne irratti oomishuun muuxannoon gaarin argamuu danda’eera.
Haaluma Kanaan bara kanatti kallattiidhan misooma jallisii irratti kaayyefachuun godinaalee Oromiyaa Misooma Jallisiif oolan irratti hojiin misooma qamadii fi kan biroo irratti hojjatamaa kan jiru yoo ta’u godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaattis Qamadiin Jallisiidhan Misooma jiru sadarkaa gaarirratti argama.
Imala badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hunduu xiyyeeffannaan socho’uun gahee ofii bahachuun murteessadha jedha ibsi mootummaan naannoo Oromiyaa baase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.