Fana: At a Speed of Life!

Imala badhaadhinaa keessatti abbootiin qabeenyaa ga’ee olaanaa qabu- obbo Shimallis

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Guyyaan abbootii qabeenyaa naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinneetti mariidhan kabajamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan abbootiin qabeenyaa qabeenya naannichaa misoomsuun imala badhaadhinaa keessatti ga’ee isaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Abbootiin qabeenyaa karaa qaxxaamuraatin qabeenya horachuuf imalli taasisaa turan caasaa mootummaa keessatti hattuu dhokataa uumera jedhan itti aanaan preezdaantichaa.

Ammaan booda kun hafee, waan isin mudate ifatti himuun hirmaannaan keessan dabalee, gara badhaadhinaatti waliin yaa imalluun gaafataniiru.

Hojimaata baramaa keessaa baanee mootummaanis ta’e abbootiin qabeenyaa akka itti gaafataman yaa hojjennus jedhaniiru.

Carraalee invastimantii fi hojii adda baasuun gara guddinaatti imaluun murteessadha jedhan.

Naannichatti waggoottan 20n darbanitti invastimantoota kuma 10 ol keessaa amma hojiirra kan jiran %60 hin caalan; carraan hojii uumanis %50 hin guutu jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.