Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta’uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jira jedhame
Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoonni beekkamtiin laatameef Afaan hojii Federaalaa ta’uun akka tajaajilan qophiin xumuramaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiise.
Afaan Amaaraa dabalataan Afaanoota Imaammata Misooma Afaan Ityoophiyaan Afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uun akka tajaajilan beekkamtiin laatameef gara hojiitti galchuuf sanadoota qophaa’eerratti qooda fudhattoota waliin Adaamaatti mari’atameera.
Afaanoota Imaammatichaan beekkamtii argatan gara hojiitti galchuuf turjumaana dabalatee dambiiwwan biroo qopheessuuf qoo’annoon gaggeeffamuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasan ibsaniiru.
Afaanoota kanneen gara hojiitti galchuuf adeemsa hedduu waan barbaachisuuf qophiin duraa xumuramuu eeraniiru.
Dambiiwwan qophaa’an hojiirra oolchuuf qorannoowwan gaggeeffamaniin bu’aa argannoo galteewwaniin gabbisuun hojiitti hiikuuf mariin kun murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruun dubbataniiru.
Imaammata misooma Afaan Ityoophiyaan Afaanoota Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’uun akka tajaajilan Arfan gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu kan eeran Aadde Warqinash, hojiin turjumaana Imaammata Afaan Oromoo, Afaan Somaalee fi Afaan Afaar xumuramuu kaasaniiru.
Kan Afaan Tigree hojjetamaa jiraachuu fi Afaanoonni hojiin turjumaanaa xumuraman gara naannoleetti ergamuun kutaaleen hawaasaa sadarkaan jiran irratti mari’achuun akka hubatan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.