Fana: At a Speed of Life!

Imaammannii fi tarsiimoon nyaata mannee barnootaa biyyaleessaa ifoome

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Imaammannii fi Tarsiimoon nyaata mannee barnootaa biyyaleessaa ifoomeera.
Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan imaammataa fi tarsiimoo nyaata mannee barnootaa biyyaleessaa kana raggaasiisurratti qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.
Sagantaan nyaataa manneen barnootaa sirni nyaataa guutuu ta’ee fi barattoonni haalaan akka baratan gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Sagantichi hirmaanaa fi bu’aa qabeessummaa fooyyessuu cinaatti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Kaayyoon sanada Imaammataa fi tarsiimoo nyaata mannee barnootaa biyyaleessaa guyyaa har’aa raggaa’e barattootaaf nyaata badhaadhaa dhiyeessuuf ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.