Fana: At a Speed of Life!

Iluu Abbaa Boortitti lafa hektaara kuma 35 ol Qamadii Jallisiin misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booritti lafa hektaara kuma 35 ol irratti Qamadii jallisiin misoomsuuf facaasaan akka godinichaatti Aanaa Hurrumuutti eegalameera.

Godinichatti bona kana qamadii jallisiin lafa hektaara kuma 35 ol irratti misoomsuuf hojii bal’aan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, facaasaan qamadii kanaas sadarkaa godinichaatti Aanaa Hurrumuu Ganda Toomaa yoobiitti eegalameera.

Godinichatti lafa hektaara kuma 35 ol jallisiin misoomsuuf facaasaan isaa torban kana Aanaalee godinichaa hunda keessatti duulaan eegalamuu Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Chaalaachoo Addunyaan ibsaniiru.

Callaa kuntaala miiliyoona 3.7 argachuuf karoorfmuu dubbataniiru.
Bara kana paampiiwwan 780 hojiirra kan oolu ta’uus himuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.