Fana: At a Speed of Life!

Iluu Abbaa Booritti sanyii buna filatamaa miiliyoonni 100 ol qopha’aa jira

Finfinnee, Mudde12, 2015 (FBC)- Godina Illuu Abbaa Booritti sanyiin buna filatama miiliyoonni 100 ol qopha’aa jiraachuun ibsame.

Jilli Hoggannaa Ittaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaamadsaanii Aminii fi Bulchaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafariin durfamus Aanaa Billoo Nophaatti buufata misooma biqiltuu bunaa qophaa’a jiranii daawwateera.

Daawwannicharratti Obbo Mahaamadsaanii oomisha bunaa dachaan dabaluuf biqiltuu bunaa biiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophiin taasifama jirachuu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Sanyii buna foyya’aa yeroo gabaabaa keessatti oomisha laachuu danda’an, lafa hektaara kuma 16 ol irratti misoomsuun godinichatti Ganna dhufu biqiltuu miliiyoona 100 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.