Fana: At a Speed of Life!

Iluu Abbaa Booraatti mana duuban cufamee abidda qabsiifameen, lubbuun namoota afurii darbe

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Booraatti mana duuban cufamee abidda qabsiifameen, lubbuun namoota afurii darbe.

Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Iluu Abbaa Booraa akka beeksisetti, badiin kun kan raawwatame Muddee 21,2012 halkan naannoo sa’aa 9tti aanaa Daarimuu ganda Eeguu keessatti.

Qaamni mana duuban cufee abidda qabsiisee lubbuun namootaa akka darbu godhe ammaaf hin beekamne jedhameera.

Balaa qaama hin beekamneen qaqqabsiifame kanaan maatin mana tokkoo namni 4 lubbuusaa dhabeera.

Namoonni lubbuu isaanii dhabanis abba warraa, haadha warraa fi ijoollee dubraa umurii waggaa 10 fi mucaa dhiiraa wagga 3 ta’u waajjiricharraa odeeffanneerra.

Dhimmichi qaamolee nageenyatiin qoratamaa jiraachuu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Daarimuu beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.