Fana: At a Speed of Life!

Ilaalcha haaraa fi wixineewwan misoomaa qabachuun hojiilee ummata fayyadamtoota taasisan ni hojjennaa-Dr. Inj. Nagaash Wageenshoo

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Ilaalcha haaraa fi wixineewwan misoomaa qabachuun hojiilee ummata fayyadamoo taasisan ni hojjennaa jedhan Pireezidaantiin Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoon.

Dooktar Injiinara Nagaash Wageeshoon bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Bara baajataa 2017’tti hojiilee gaggaarii eegalaman cimsuun, ilaalchota haaraa fi wixineewwan misoomaa qabachuun hojiileen ummataa fayyadamtoota taasisan kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.

Bara haaraattis kanneen rakkatan gargaaruu fi maaddii qooduun daran tokkummaa keenya haala cimsuun bara haara simachuu fi kabajuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Barri haaraan kan nagaa, jaalalaa, tokkummaa fi waliif yaaduu akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.