Fana: At a Speed of Life!

Ijipti balaawwan Liibiyaa fi Moorokootti mudate hordofee guyyaa gadda biyyaalessaa labsite

Finfinnee, Fulbaana 2, 2016 (FBC) – Ijipti balaawwan Liibiyaa fi Moorokootti mudate hordofee aantummaa ishee mul’isuuf guyyoota 3f guyyaa gadda biyyaalessaa labsiteerti.

Pireezidaantiin Ijipti Abdilfattaa Al Siisiin miidhaan ummata Liibiyaa fi Moorokoorra qaqqabe onneen ummata Ijiptii kan madeesse ta’uu ibsaniiru.

Miidhaa ummata obboleeyyanirra qaqqabeef Ijipti guyyoota 3f guyyaa gadda biyyaalessaa labsiteerti jechuu isaanii Miidil Isti Mooniitar gabaaseera.

Pireezidaanti Alsiisiin waaraanni Ijiptii lammiilee miidhamaniif deeggarsa yeroo ariifachiisaa akka dhiyeessan ajaja laataniiru.

Kirkira lafaa Moorokootti mudateen lubbuun namoota kuma 2 fi 900 olii yoo darbu, balaa lolaa Liibiyaatti qaqqabeen ammoo lubbuun namoota kuma 5 olii darbuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.