Fana: At a Speed of Life!

Ijibti Ityoophiyaan injifatamuu booda leenjisaa ishee geggeessite

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Waldaan Kubbaa Miilaa Ijibti, Leenjisaa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ijibti Ihaab Gaalaal leenjisummaarraa geggeesse.

Ijibti torban darbe tapha gulaallii waancaa Afrikaaf Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa waliin taphachuun 2-0 injifatamuun ishee ni yaadatama.

Kan malees, tapha michummaa dheengadda Kooriyaa Kibbaa waliin taphataniin 4-1 injifatamteetti.

Odeeffannoo sa’aatiiwwan muraasaan duraa ifoomeen waldaan kubbaa miilaa biyyattii leenjisaa Garee Biyyaalessa Ijibti leenjisummaarraa kaasuun eerameera.

Leenjisaan umrii waggaa 54 garecha leenjisuu erga eegalanii baatii lamaa akka hinguutne ragaan Sooker Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.