Fana: At a Speed of Life!

Ijibti ejjennoo fayyadamummaa waloo fi haqa qabeessummaa hinhordofne qabatteetti-Doktar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Ijibti ejjennoo fayyadamummaa waloo fi haqa qabeessummaa hinhordofne qabachuu Dursaan Garee Mari’attootaa Itiyoophiyaa Dooktar Silashii Baqqalaan.

Dooktar Silashii Baqqalaan marii gamsadee marsaa 4ffaa Hidha Haaromsaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, marii gamsadee Finfinneetti gaggeeffamerratti fooyya’iinsi hedduun mul’achuu kaasaniiru.

Waltajjiin marichaarratti fedhiiwwan biyyootaa kan calaqqisiifaman ta’uu eeranii, qooddannaa bishaanii ilaalchisee Ijibti ejjennoo fayyadamummaa waloo fi haqa qabeessummaa hinhordofne qabachuu ibsaniiru.

Itti Fayyadama bishaan Abbayyaa fi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ilaalchisuun Ijibti waliigaltee gita bittaarratti xiyyeeffachuurraan mariin marsaa 4ffaa waliigaltee malee akka xumuramu taasiseeras jedhan.

Itiyoophiyaan karaa nagaa fi marii haqa qabeessaan faayidaa biyyoota sadeenii haala eegeen yaada furmaataarra ga’uuf kutannoo qabaachuu Dooktar Silashiin ibsaniiru.

Firehiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.