Fana: At a Speed of Life!

Ijibbaata falmii tapha mo’ataanii darbuu Waancaa Awurooppaaf har’a taasifamu

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)-Taphoota Waancaa Awurooppaa 17ffaaf har’a taphatamaniin falmii tapha mo’ataanii darbuuf taasifamuun Faransaay, Ingilizii fi Neezerlaandiin ijibbataa jabaatu eeggata.

Haaluma kanaan galgala sa’atii 1:00’rraa eegalee garee afraffaa jalatti kanneen ramadaman Faransaay Poolaandi waliin, Neezerlaand Ostiriyaa waliin sa’aatii walfakkaattatti ni taphatu.

Gama biraatiin halkaan sa’aatii 4:00 irraa eegalee ramaddii 3ffaa jalatti kan argaman Deenmaark Seerbiyaa waliin, Ingiliz Islooveeniyaa waliin kan taphatan ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.

Hanga ammaatti keessummeessituu taphichaa Jarmaniin dabalatee Siwiizarlaandi, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Poorchugaal tapha mo’atanii darbuuf ga’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.