Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii aspaaltii koonkiriitii Dambii doolloo -Muggii- Doolaa eegale

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC) -Sirni jalqabbii ijarsa daandii aspaaltii koonkiriitii Dambi Doolloo -Muggii- Doolaa geessu godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doollootti gaggeeffameera.
Ijaarsicha jalqabsiisuuf Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, itti aanaa muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Makoonnan, preezdaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw magaalaa Dambi Doolloo galaniiru.
Daandin kun kiilo meetira 50.9 kan dheeratu yoo taú baasii Birrii biiliyoona 1.6n mootummaa federaalatiin kan ijaaramu ta’a.
Daandichi waggaa 3 fi ji’a 6 keessatti ni xumuramas jedhameera.
Koontiraaktarri ijaarsa daandichaa hojjetu dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa Reeyilweey Seveens Gruup jedhamudha.
Dabalee Gaarradoo
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.