Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Zoonii Diinagdee Addaa ‘Addis Tomorrow’ jedhamu eegalame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Ministirri Mummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa Zoonii Diinagdee Addaa ‘Addis Tomorrow’ jedhamu eegalchiisan.

Zooniin Diinagdee Addaa kun lafa heektaara 35 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, tumsan dhaabbata Ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamuun raawwatama jedhameera.

Piroojektichi Abbaartaamawwan manneen jireenyaa, Biiroolee, Dhaabbilee barnootaa, Fayyaa, bakkeewan bashannanaa fi giddugala oolmaa dargaggootaa hedduun kan of keessatti hammate ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eeraniiru.

Hojiin ala karaan abjuu keenya itti hiiknu waan hin jirreef Yaadamni Siyaasaa keenya hojii qofa jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Boruu Magaalaa Finfinnee kan mul’isu Ijaarsa Zoonii Diinagdee Addaa ‘Addis Tomorrow’ eegalchiifnerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.