Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Proojektii misooma Haroo Wancii fi Dandii ifatti eegalame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Ijaarsi proojeektii misooma Haroo Wancii fi Dandii har’a bakka Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad argamanitti ifaatt eegalameera.

Sirnicharratti abbootiin qabeenyaa,ministeeroonni qondaaltootni federaalaa fi naannoo Oromiyaa, akkasumas jiraatootni naannawwichaa irratti hirmaatu jedhame.

Haroo Dandii fi Wancii misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuuf hirmaannaa uummataa, abbootii qabeenyaa fi mootummaan hojiin jalqabame iti fufas jedhame.

Haroon Wancii Finfinneerra gara lixaatti KM 150 godina Shawaa Kibba Lixaa dhiheenya magaalaa Walisootti argama.

Harichi gadi fageenyaa km 78 kan qabu yoo ta’u, kiiloo meetira 4.8 bal’ata.

Haroon dandii ammoo godina Shawaa Lixaa km 78 Finfinneerraa fagaata.

Haroowwan kunneen sagantaa proojeektii ‘maaddii biyyaaf’ misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuuf hojjatamaa jira.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.