Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Proojektii hidha haaromsaa guddichi %84 irra ga’e

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Ijaarsi Proojektii hidha haaromsaa guddichi %84 irra ga’uu hojii gaggeessaa olaanaan hidhichaa Injinar Kiflee Horroo beeksisan.

Tattaaffii cimaa hogganttoonni, hojjettoonnii fi uummanni Ityoophiyaa hundi taasisaniin ijaarsi  proojektichaa sadarkaa kanarra ga’uu sirna labsuu anniisaa maddisiisuu eegaluu hidhichaarratti ergaa dabarsaniin ibsaniiru.

Keessumaa adeemsa proojektichaa yeroo yeroo hordofaa, deeggarsa taasisaa fi abdii itti horaa kan tura Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin galateeffataniiru.

Hidhichatti Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 63 baasii ta’uu kaasuun kunis deeggarsa uummata Ityoophiyaa fi mootummaarraa argameen ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi proojektichaa deeggarsa alaa tokko malee gaggeeffamaa kan jiru ta’uu yaadachiisaniiru.

Hidhichi wayita xumuramu bishaan meetirik kiyuubii biiliyoona 17 kan qabatu  ta’uu fi kunis hanga haroon Xaanaa qabachuu danda’u dachaa 2 fi walakkaan kan caalu ta’uu ibsaniiru.

Kunis Ityoophiyaa keessaa  haroo namtolchee guddaa isa taasisa jedhan.

Hidhichi wayita guutu bakki bishaan irra ciisu kiiloomeetira 240 kan dheeratuu fi keessa isaatti odoloonni hedduun kan uumaman ta’uu Injinar Kifleen eeraniiru.

Proojektiin hidha haaromsaa anniisaa elektirikaa maddisiisuun cinaatti oomisha qurxummiif, bashananaaf, tuuriizimii fi geejjibaaf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa ijaarsa proojektii kanaarratti Ityoophiyaanonni kuma 7 fi lammiileen biyyoota garaagaraa 500 ta’an irratti hirmaachuu addeessaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.