Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi proojektii daandii Asoosaa- Daalatii gara hojii aspaaltii afuutti ce’e

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Ijaarsi proojektii daandii Asoosaa- Daalatii gara hojii aspaaltii afuutti ce’eera.

Ijaarsi daandichaa hojiin biyyoo guutuufi sireessuu, kan riiqaa, hojiileen yaa’insaafi ijaarsi mallattolee tiraafikaa daandii cinaa haala aariitii qabuun ijaaramaa jira jedhame.

Yeroo ammaa kanas raawwiin hojii ijaarsa daandichaa %52 irra gahuun himameera.

Ijaarsi proojektii daandii kanaa Kiilo meetira 69 kan dheeratu yoo ta’u; ijaarsi daandichaas Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 31 mootuummaan ramadeen gaggeeffamaa jira.

Daandichi ijaarsi isaa guutumaan guutuutti xumuree hojii yemmuu eegalu Asoosarraa- Odabilidu-Dalatii yaa’insa tiraafikaa jiru ni mijeessa jedhameera.

Dabalataanis oomishaalee naannichatti hedduminaan oomishaman kanneen akka Saliixii, kuduraa fi muduraafi albuudaa kanneen oomishaalee qonnaafi galteewwan indaastirii salphumaan  gabaaf dhiyeessuuf tajaajila geejjibaa akka mijeessuu ragaan abbaa taayitaa daandiiwwan Ityoophiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.