Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi piroojaktii daandii Duraamee-Danbooyaa- Angaacaa-Amachoo Waatoo Halaabaa eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) –Ijaarsi piroojaktii daandii Duraamee-Danbooyaa- Angaacaa-Amachoo Waatoo Halaabaa baasii Birrii biiliyoona 1.9n eegalame.
Daandiichi sadarkaa asphaaltii konkiriitiin kan ijaaramu wayita tahu, waggaa 3 keessatti ni xumurame jedhameera.
Ijaarsa daandichaaf baasii Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 900 fi miiliyoona 80 fi kuma 600 fi kuma 58 fi 256 kan ramadame yoo tahu, baasiin ijaarsichaa mootummaa Ityoophiyaan uwwifama.
Ijaarsi isaa korporeeshinii hojiiwwan ijaarsa Ityoophiyaan raawwatama.
Sirna ijaarsa piroojaktichaa egalchiisuu irratti Ministira Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogasii fi Itti Aanaa Preezdantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaw dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo frderaalaa fi naannoo argamaniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.