Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi pirojektii sarara elektirikii Ityoo-Jibuutii 2ffaan eegale

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– Ijaarsi pirojektii sarara fi buufata raabsaa anniisaa elektirikii abbaa kiiloovooltii 230 Ityoo-jibuutii 2ffaan eegalame.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Humna Elektirkii Ityoophiyaa Ashabbir Baalchaa sagantaa jalqabsiisa ijaarsa pirojektichaa irratti, pirojektichi Ityoophiyaaf sharafaa alaa dabalataan kan argamsiisu, Jibuutiif ammo gatii madaalawaan humna elektirikii dhiyaatuun indaastirii biyyattii kan dammaqsu, waliin gahiinsa elektirikiif gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Dabalataanis hariiroo humnaa naannawichaa kan saffisiisuu fi biyyoonni lameen walitti hidhamiinsa gama geejjibaa fi elektirikiin eegalaan cimsuuf ni gumaacha jechuu isaanii ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ittaanaan Dayrektraa Dhaabbata Elektirikii Jibuutii Abubakar Hasan gama isaan ijaarsi pirojektii saraara dabarsaa elektirikii 2ffaa Jibuutiif faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa, humna addaan hinciccitne gatii madaalawaan hawaasaaf waliin gahuuf, hanqina dhiyeessii humna biyya isaanii hambisuu faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Pirojektichi sarara Dirree Dawaa-Jibuutii diriiree jiru waggoota 10 ol kan tajaajile ta’uun humna hamma barbaachisu dhiyeessuuf rakkisaa ta’uun ijaarsi sararaa 2ffaan akka gaggeeffamu Hoji Gaggeessaan Pirojektii Humna Elektirikii Ityoophiyaa Abinnat Ahimad ibsaniiru.

Haaluma kanaan, pirojektichi ijaarsa babal’isa buufata raabsaa Kombolchaa 2 fi Samaraa kan qabaatu yoo ta’u, Magaalaa Miilleetti ijaarsa raabsaa haaraa abbaa kiiloovooltii 230 akka qabaatu ibsameera.

Humna elektirikii meeggaa waattii 240 kan qabaatu pirojektichi mootummoonni biyyoota lameenii daangaa isaanii keessatti akka ijaaran ibsameera.

Gama Ityoophiyaatiin ijaarsi gaggeeffamu liqii Baankii Misoomaa Afriikaarraa argame Doolaara miiliyoona 71’n kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.