Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi nageenyaa hammataa fi fedhii hawaasaa giddugaleessa taasiisuu qaba – Pireezidaanti Saahilawarq

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Ijaarsi nageenyaa hammataa fi fedhii hawaasaa giddugaleessa taasiisuu qaba jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Pireezidaanti Saahilawarq miseensota Komishinii Ijaarsa Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarq tattaaffii komishinichi taasiisaa jiru galateeffachuun, walitti bu’iinsa, wal ajjeesuu fi wal balleessuun yoo hin dhabamsiifamne ijaarsa nageenyaa waaraan lafa qabsiisuun hin danda’amu jedhan.

Ijaarsi nageenyaa hammataa fi fedhii hawaasaa giddugaleeffachuu akka qabus hubachiisuu ragaan Waajjira Pireezidaantii FDRI irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.