Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Daandiin Aspaaltii Addeellee-Guraawaa %64.5 qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Ijaarsi Pirojektii Daandii Aspaaltii Addeellee-Guraawaa %64.5rra qaqqabuu Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa Damee Dirree Dhawaa ibse.

Kiiloo meetira 53 kan dheeratu daandichi waggaa afuriin dura Birrii Biiliyoona 1.4 ijaarsi isaa eegaluun kan yaadatamuudha.

Daandichi Aanaalee Godina Harargee Bahaa 4 Aanaalee Haramaayaa, Qarsaa, Kurfaa Callee fi Guraawaa akkasuma Magaalaa Maayaa fi Magaalaa Harar kan walqunnamsiisu ta’uun himameera.

Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatti Bakka bu’aan Waajjira damee Dirree Dhawaa Injiinar Yaaregaal Darsoo hojiin ijaarsa daandichaa bara dhufu guutummaatti xumuruun tajaajila hawaasaaf oolchuuf tattaafatamaa jira jedhaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.