Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii Sansuusii-Taaxaq-Keellaa tajaajila tiraafikaaf banaa ta’e

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Ijaarsi daandii Aspaaltii Sansuusii-Taaxaq-Keellaa guutumaa guutuutti tajaajila tiraafikaaf banaa ta’uu ibsameera.
Qaama proojektichaa kan ta’e daandiin lafa deemtootaa, hojiin mallattooleen Tiraafikaa dhaabuu fi hojiileen xixiqqoon xumuramaa jiraachuu ibsameera.
Riqichi Gafarsaa meetira 16 dheeratus daandicharratti kan argamu ta’uu himameera.
Daandichi Kiiloo Meetira 13.54 kan dheeratu yoo ta’uu yeroo tokkotti Bitaa Mirgaan konkolaattoota 6 keessummeessuu danda’a jedhame.
Ijaarsa daandichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 25 baasii ta’uu fi baajatichi guutumaa guutuutti mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifame ta’uus eerameera.
Ijaarsa daandichaa dhaabbileen ijaarsaa biyya keessaa 10 waloon gaggeessaa jiraachuus ibsameera.
Haabtaamuu Taklasilaaseetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.