Ijaarsi daandii Haaweelaa- Tuulaa- Wataraareesa-Yaayyuu- Waraanchaa ifatti eegale
Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)-Naannoo Sidaamaa olla naannoo Oromiyaa waliin walagarsiisuun giddugala kibba Ityoophiyaa waliin kan walqunnamsiisuu ijaarsi daandiin Haaweelaa- Tuulaa- Wataraareesa-Yaayyuu- Waraanchaa ifatti eegaleera.
Ijaarsi daandii asfaaltii kun kiiloo meetirri 84.7 yoo ta’u waggoota 3 keessaatti ni xumuramaa jedhameera.
Sirna ijaarsa proojaktichaa egalchiisuu irratti Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogasii fi Preezdantii mootummaa naannoo Sidaamaa Dastaa Leedmoo dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo ferederaalaa fi naannoo argamaniiru.
Ijaarsa daandichaaf baasiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 79 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 83 fi 516 mootummaa Ityoophiyaatin uwwifama jedhameera.
Silabbat Maannayeetu gabaase