Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii Goree-Maashaa-Teeppii %35 ga’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Oromiyaa fi Gambeellan walquunnamsiisuuf ijaarsi daandii Goree-Maashaa-Teeppii %35 ga’uun ibsame.

Sadarkaan ijaarsa daandichaa kan daawaamee yoo ta’uu, bara dhufu gara jalqabaa hojiin daandicha asfaatii diriirsuu kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Ijaarsi daadnicha Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa, naannoolee Oromiyaa fi Gambeellaan kan walquunnamsiisu yoo ta’u, kaffaltii beenyaan walqabatee gufuuwwan mudatanii turuun ibsameera.

Yeroo ammaas qindoominaa qaamolee dhimmichi ilaaltuun furuun akka danda’ame eerameera.

Naannichitti roobaa waan heddummaatuuf, hojiin gaggeeffmuu akka hinharkifanneef kontiraaktarootaaf maashinarootaa dabalataan dhiyaachuun hojin cirrachaa guutuu gaggeeffamaa akka jirus eerameera.

Pirojektiin daandiin kun kiiloomeetiraa 140.2 kan fagaatu yoo ta’u, hojiileen ijaarsa daandichaa %35 irraa ga’uun ibsameera.

Daandichi Mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Kooriyaa Egziim jedhamuun baasiin isaa kan uwwifame ta’uu ragaan Bulchiinsa Daandiiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektichi wayita xumuramu imala saatii 6:00-8:00 fudhataa ture walakkaan hir’isa jedhameera.

Dabalataan, daandii qaxxamuraa biyyaa Finfinnee-Jimmaa-Mattuu-Gaambeellatti fulla’uu fi daandii Finfinnee-Jimmaa-Miizaan Teeppiif akka filmaataa birootti kan walquunnamsiisuudha jedhameera.

Akkasumas godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Shakkaa walquunnamsiisuuf gahee olaanaa ni qabaata jedhameera.

Daandichi, naannichatti oomisha dammaa, bunaa, mi’eessituuwwanii fi baalaa shaayee saffisaan gabaa giddugaleessaatti dhiyeesuuf, akkasumas tajaajiloota hawaasummaa akka fayyaa, barnootaa fi kanneen biroo waliin ga’uuf carraa bal’aa kan uumu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.