Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi daandii aspaaltii Aysaayitaa-Afamboo- daangaa Jibuutii eegalame

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Ijaarsi daandii aspaaltii Aysaayitaa-Afamboo- daangaa Jibuutii eegalamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa beeksise.

Daandiin Aspaaltii kun Kiilo meetira 48.7 kan dheeratu yoo ta’u, Birrii biiliyoona 1.5 ijaarrama jedhameera.

Ijaarsi daandii kanaa daldalaa alegii f galchuuf filannoo dabalataa ta’a kan jedhan daayreektarri daayreektoorii Koominiikeeshiinii abbaa taayitichaa obbo Saamsoon Wandimmuu, waggaa 3 keessatti kan xumuramu akka ta’e ibsaniiru.

Dhaabbata ijaarsaa Asar jedhamuu kan hojjetamu yoo ta’u dhaabbanni Injiinariigii Yidiidiiyaa ammoo gorsaa ta’uun hirmaata jedhame.

Yeroo ammaattis hojiin lafa xaraguu fi qulqulleessuu Kiilo meetirri 23 raawwachuu hojii gaggeessituun Projaktichaa Injiiner Aynaalem Fiqaaduuu dubbataniiru.

Dhaabbileen ijaaraa kunneen ijoollee Horsiisee bulaa 400 ta’aniif carraa hojii uumuu isaanii ibaniiru.

Hojiin daandii kanaa yeroo xumurameetti horsiisee bultoonni naannoo sanaa oomisha isaanii haala salphaan gabaatti akka dhiyeeffataniis shoora olaanaa qaba jedhameera.

Dabalataan Turistoota alaa fi biyya keessa haroo Aabii daawwataniif haala mijaataa ni uuma jedhame.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.