Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi bu’uraalee misoomaa loltummaa Humni Qilleensaa gaggeesse dirqama ga’umsaan bahachuuf dandeessisa jedhame

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Humna Qilleensaa guddummaa Itiyoophiyaa gitu ijaaruuf, hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa loltummaan hojjetamaan dirqama ga’umsaan bahachuuf kan dandeessisan ta’uu Miseensonni Humna Qilleensaa ibsan.

Keessumaa jijjirama biyyaalessaa hordofee hojiilee riifoormii gaggeeffamaniin Humna Qilleensaa dhaabbata biyyi ittiin boontu kan taasisuu ta’uu himan.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa bu’uuraalee misoomaa loltummaa, ijaarsa humna namaa, kalaqa fi itti fayyadamaa teeknooloojiin yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabaamaa galmeesuu dubbataniiru.

Humna Qilleensaa dirqama kamuu ga’umsaan raawwachuuf ga’aa fi qophii ta’uu mirkaneessanii, humnicha dhaabbata ammayyaa’aa dameewwan hundaan guddummaa Itiyoophiyaa kan gitu taasisuuf hojiileen gaggeeffaman cimanii kan itti fufan ta’u ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.