Ijaarsi buufata konkolaataa Magaalaa Amboo Maallaqa dhidhimse
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Ijaarsi buufata konkolaataa Magaalaa Amboo Maallaqa dhidhimse.
Ijaarsi Buufataa Konkolataa Amboo irra deebi’ee akka hojjetamuuf kallattiin ka’amee hojjitti hiikamuu dhaabuu jiraattoota godina Shawaa Lixaa magaalaa Amboo fi naannawaa ishee komachiseera.
Ijaarsi buufataa konkolaataa Amboo 2007 dhaabbataa ijaarsa Alaas koonistiraakshiin jedhamuun kan jalqabe yoo ta’uu, yeroo sanatti baatiwwan 18tti keessatti xumuramee tajaajila geejjiibaaf banaa ni ta’anii hojii keessa kan gale.
Ijaarsi buufata konkolaataa kun waggoottan torbaa oliif ijaaramaa ture qulqullinaa fi haala jedhameen osoo hin ijaaramiin hoggantoota naannoo fi sadarkaan jiraniin akka eebbifamu ta’e tajaajila jalqabe.
Ijaarsi buufatichaa qulqullina jedhameen ijaaramuu dhabuun duraanuu taajjabaa turre jedhu jiraattoonni magaalaa Amboo Faanaa Broodkastiing Korporeetiif yaada isaanii kennan.
Rakkoo ijaarsa buufata konkolatichaa mudate irratti muufii kan qaban jiraattoonni magaalaa Amboo fi naannawaa ishii, qaamolee hojii buufata konkolataa kanarratti dabaa fi shiraa gaggeessaa turan har’aas mootummaan seeraan akka gaafataman gochuu qaba jedhaniiru.
Kana malees, yeroo ammaa buufanni konkolataa magaalicha keessa dhabamuun, hawaasni godinichaa osoo hin jaallanne baasii dabalataaf saaxilamaa jirra jedhu.
Itti gaafatamaan Ejansii Geejjiba Magaalaa Amboo Obbo Firoomsaa Humneessaa gama isaaniin, ijaarsi buufata konkolaataa ijaaramee osoo baatii lamaa hin tajaajiliin akka manca’uu ta’eera jedhan.
Buufatichi yeroo lamaaf deebi’ee akka ijaaramufi kallattiin ka’aamus hanga guyyaa har’aatti qaamni hojicha jalqabe hin jiru jedhaniiru.
IJaarsi buufata konkolaataa Amboo irra deebi’ee akka ijaaramuuf kallattii ka’aameen hanga baatii Waxabajjii 30tti ijaarsi isaa xumuramee tajaajila geejjibaaf banaa akka ta’u Biiroo Daandii fi Loojistikii Oromiyaarraa eeruun nuuf kennameera jedhu Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Hacaaluu Gammachuun.
Rakkoon ijaarsa buufataa konkolaata magaalaa Amboo maaliif furmaata waaraa akka dhaabe addaan baasuuf FBC’n Biiroo Daandii fi Loojistiikii Oromiyaatti imaluun biirichatti daayreektara misooma bu’uralee geejjibaa fi loojistikii Oromiyaa Obbo Ibraahim Amaan dubbiseet jira.
Obbo Ibraahim, rakkoo dhaabbanni ijaarsa Alaas koonstirakshinii jedhamu uumeen ijaarsi buufata konkolaataa Amboo haala jedhameen osoo hin ijaaramne wal harkaa fudhinsi raawwateera jedhu.
Qaamolee qabeenya hawaasaarratti mancaatii gaggeessaa turan seeratti dhiyyeeffamuun gaafatamuu osoo qabanii, irra deebiin hojjicha hojjechisuun maaliif barbaachiseen gaaffii FBC’n gaafate ka biraati.
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa duran buufataalee kanneen sadarkaa ijaarsaaf deeggarsa mara taasisaa tureera.
Sirreeffama caasaa taasifameen buufataalee kunneen ejansiin geejjibaa Oromiyaa jalaa akka ba’aan haa taasifaman malee har’as ejansiichi deeggarsa maallaqaa taasisaa jira.
Ta’uus garuu ijaarsi buufata konkolaataa Amboo irra deebiin ijaaramee tajaajilaa hawaasaaf banaa akka ta’uuf gahee ejansii geejjibaa Oromiyaa miti jedhu Hogganaan Ejensiichaa obbo Jamaal Kadir.
Faanaa Broodkaastiing Korporeet dhimma ijaarsa buufata konkolaataa Amboo faanaa dha’ee sadarkaa irra ga’e hawaasaaf kan dhiyyeessu ni ta’a.
Gammachuu Beekumaatu gabaasee.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.