Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi babal’isa Paarkii Indaastirii Adaamaa Doolaara miiliyoona 300’n gaggeeffamuufi

Finfinnee, Fulbaana 21, 2017 (FBC)- Ijaarsi babal’isa Paarkii Indaastirii Adaamaa marsaa 2ffaan Doolaara miiliyoona 300’n gaggeeffamuuf ta’uun ibsame.

Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaan Paarkichaa Obbo Girmaa Tufaan, marsaa jalqabaa kan ijaarame parkichii guutumaatti abbootii qabeenyaan qabamuu ibsan.

Ijaarsi marsaa 2ffaa barana akka eegalu ibsuun, lafa hektaara 120 irratti hojiin babal’isa indaastirichaa Doolaara miiliyoona 300’n gaggeeffamas jedhan.

Ijaarsichi abbootii qabeenyaa Chaayinaan akka eegalamuuf waliigalteerraa ga’amuu fi ijaarsatti galuuf qophii duraa xumuramuu ibsuu TOI gabaaseera.

Ijaarsi Paarkichaa wayita xumuramus maashinaroota guguddaa oomishuu fi baasii sharafa alaa biyyatti kan hambisu, darbees, galii kan argamsiisu fi carraa hojii lammiilee kuma 25’f akka uumamu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.