Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Piroojektii Sarara giddugaleessaa Doolaara miiliyoona 17.3 ijaaramuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Magaaloota Sulultaa, Bishooftuu fi Dabrabirhaanitti Ijaarsa Piroojektii Sarara Elektirikaa giddugaleessaa Doolaara miiliyoona 17.3’n ijaaramuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Injinariingi Wiilkiinsi Gaanaa gidduutti waliigalteen kun mallattaa’eera.

Ijaarsi Piroojektichaa liqaa Doolaara miiliyoona 17.3 Baankii Addunyaarraa argameen kan raawwatamu ta’uu ragaan Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Piroojektichi dhiyeessa Tajaajila Elektirkaa magaaloota kanneenii amansiisaa taasisuuf kan gargaatu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Elektirkaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaw eeraniiru.

Hojiin deebisanii ijaaruu kun sarara abbaa Kiiloo Vooltii 386 fi Tiraanifoormaroota haaraa dandeettii Ampiirii Kiiloo Vooltii 315  qaban 87 kan of keessatti hammatu ta’uu eerameera.

Hojiin piroojektichaa wayita guutummaatti xumurame addaan ciccituu elektirikaa % 45 hir’isa jedhame.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.