Ijaarsa Pirojektii Sirna Lakkooftuuf waliigalteen mallatteeffame
Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC)-Teeknooloojii lakkooftuu elektirikii kaffaltii duraa wagootaa 15 tajaajila kennaa ture Ismaarti taasisuu fi teeknooloojii ‘STS Talk’ jedhamuun bakka buusuuf waliigalteen hojiirraa oolmaa pirojektii mallatteeffameera.
Waliigaltechas Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Eelektirikii Ityoophiyaa Obbo Shifarraa Taliilaa fi Daayrektarri Dhimmoota Teekinikaa Dhaabbata Chaayinaa Miir Diing Fuumiin mallatteesaaniiru.
Wayita waliigaltechaatti Obbo Shifarraan, tajaajilli lakkooftuu kaffaltii duraa maamiltootaaf mijataa akka hintaane dubbataniiru.
Daayrektarri Dhimmoota Teekinikaa Dhaabbata Chaayinaa Miir Diing Fuumiin gama isaaniin, hojiilee pirojektichaa qulqullinaa fi yeroodhaan akka xumuran ibsuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
Pirojektichi wayita xumuramu, maammiltoonni bilbila harkaan, fimaataawwaan kaffaltii dijitaalawaan, maashinii ATM baankotaan, eejentootaa bakka bu’ootaan, giddugalaa waamichaa dhaabbatichaan anniisa elektirikii salphaatti guuttachuu danda’u jedhameera.
Haaluma walfakkaatuun, qisaasamaa anniisaa lakkooftuun walqabtee ka’u hir’isuuf, nagahee lakkooftuu fi sirna kaffaltii ammayyeessuu fi galii guddisuuf tumsa olaanaa akka qabaatu eerameera.
Hojiirraa oolmaa pirojektichaaf waliigalaan baasii Doolaarri miiliyoona 48 fi kuma 875 ol akka fudhatu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.