Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa hospitaalota ammayyaa 24’f lafti ijaarsaa kennameera- Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee turizimii fayyaa dhaqqabamaa taasisuuf ijaarsa hospitaalota ammayyaa 24f lafa kennuu beeksise.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen hojiilee damee fayyaan magaalichatti hojjetaman irratti mana maree magaalichaaf gabaasa dhiyessaniiru.

Wayita da’umsaa du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tajaajila da’umsaa ogeessaan deeggarame haadholii kuma dhibba 1 fi kuma 52 fi 990’f kennamuu eeruun, hordoffii da’umsaan duraa taasisuun haadholii kuma dhibba 1 fi kuma 56 fi 94 fayyadamoo tajaajilichaa taasisuun hanga du’aatii haadholii hir’isuun danda’amuu ibsaniiru.

Inshuraansii fayyaa hawaasaas %81.3 milkeessuun danda’amuu kaasaniiru.

Lammiilee kaffalanii wal’aanamuu hin dandeenyeef Birrii  miiliyoona 83 baasii taasisuun miseensonni maatii kumni 28 fi 882 tajaajila wal’aansaa akka argatan taasifamuu eeraniiru.

Qaala’iinsa gatii meeshaalee yaala fayyaan walqabatee bulchiinsi magaalichaa deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 81.6 taasisuu ibsaniiru.

Rakkoo waliinga’iinsaa fi dhiyeessii yaala kale furuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun maashinoota kalee dhiqan 30 alaa galchuun hosipitaala Daagmaawii Minilikitti hojii eegalchiisuu eeruun, dandeettii kalee dhiquu magaalattii dacha shaniin guddisuun danda’amuu dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa dhukkubsattoota yaala kale dhiquu barbaadaniifi harka qalleeyyii ta’aniif Birrii miiliyoona 12 baasii taasisuun deeggarsa taasisuu kaasaniiru.

Tuurizimii fayyaa guddisuuf hospitaalota ammayyaa 24’f lafa ijaarsaa kennuun deeggarsa taasisuu ibsuu ragaan Waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.