Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Giddugala Aadaa Shanan Gibeetiif deeggarsi Birrii miiliyoona 12.5 taasifame

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa, yuuniyeeniiwwanii fi waldaaleen qonna maraa akkasumas daldaltootni Godina Jimmaa dhimma ijaarsa giddu gala aadaa Shanan Gibee irratti mari’achuun deeggarsa taasisan.

Qaamoleen kunniin hanga xumura ijaarsichaatti akka deeggaran ibsuun, guyyaa har’aa qarshii miiliyoona 12.5 deeggaruuf waadaa seenaniiru.

Maricha irratti kan argaman Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasirii fi Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib A/Raayyaa qaamolee deeggarsa kana taasisan galateeffatanii deeggarsi eegalame kun cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsuu ragaan waajjira komikeeshinii godina Jimmaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.