Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa gamoo waajjira muummee mana murtii waliigalaa Oromiyaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Muddee 11, 2013(FBC) – Ijaarsa gamoo Waajjira Muummee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf naannoo Kiiloo 6tti dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

 

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisa Abdiisaa, Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii fi Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gazaalii Abbaasimal, Abbootiin Gadaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Gamichi abbaa darbii 13 yoo ta’u, Birriin biiliyoonni 1.5 baasii itti ta’a jedhameera.
Manneen murtii dhugaadhan hawaasa akka tajaajilaniif mootummaan naannoo Oromiyaa kutaannoon hojjechaa jiraachuu preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.